www.TVOro.com

DEMONSTRATION IN OSLO 28.04.2013

TVORO...Interview with Toltu Tufa Part 2.

YAADANNOO GUYYAA GOOTOTA OROMO

SAGAANTA GAMMEE XIXIQOO 2

NEW OROMO SONG KUMALAA ADDUNYAA

THE OSA 2013 MID-YEAR CONFERENCE (Atlanta, Georgia - March 16, 2013)

Argaa dhageetti

Motummaan woyyaanee dhaadannoo “mallas haa yaadannu” jedhuun qotee bultoota garreenii fi sulullan gogaa qochisiisa jira.

Itiiyoophiyaa keessatti du’a ob,mallas zeenawii booda tarsimoofi qajeelfamonni adda addaa maqaa mallasiin akkaa moggafaman taasifameera.haaluma kanaan sochii qotee bultoonnii taasisan keessattis qajeelfamichii akka hojiirra oolu gochuun ummanni halkanii guyyaa dirqamaan sulullaniifi gaarren gogaa akka qotan taasifamaa jiru.sochiin kun bara 2004 irraa kan eegalee yoo ta’u, bara kanas ji’aa ammajji irraa jalqabee itti fufaa jira. Duulli kunis misoomaa dirqamaa waan ta’eef qotee bulaan hirmaanna hin taasifnee seera tokko shanee fi gooxiitiitin adabbii guddan akka isaan eeggaatuu kan murteeffamee yoo ta’u,sodaa kanaanis yeroo ammaa Oromiyaa dabalatee baadiyyaa biyyattii guutuu keessattii sululaawwaniifi garreen waggoota soddomaa duraa qabeenyaa uumamaa biyyaattin qabduu barbadeessuuf ibiddaan gubaa turaan har’aa qotee bultoonnii akka misoomsanii fi kallaattin ittin kaabinootni wayyaanee durgoo ittin saammatan mijaawe jira.Haaluma kanaan qotee bultoonni dafqa isaanii harcaasaa jaarsaa fi jaartii osoo hin jedhin oloola sobaa kaabinoonni wayyaanee waajjiraa keessa taa’anii odeessan qabatanii ‘waggaa soddoma hiyyoomuurraa guyyaa soddoma dalagnee hiyyumma keessa baana ‘ jechaa dirqama isaanitti kennamee kana bahuuf hojjachaa jiru.duulaa dirqamaa kanaanis oyruun qotee bultoota nannoo sululaa fi lafa tabbatti argamanii boolla daagatiin dhuunfatamuun callaa argamsiisuu danda’u osoo hin argamsiisin misooma malee hafani jiru,kana malees oyruun keessan omishaaf hin mijatuu jechuun namootni baay’een ooyruu qonnaa isaanirraa buqqa’anii jiru ,dabalataanis boollii daagaafii burqaa baasuuf qotamee dawoo saamichaafii lubbuu daa’imman heedduu gaaga’aa akka jiruu qotee bultoonnii tokko tokko ni dubbatu. Bu’uruma kanaan omishnii biyyaattii harkaa 85 qonnarraa argamuu gadii bu’uun ummannii bara baraan liqaa biyyoota olla eeggachuun dhimmaa filannoo hin qabnee ta’eera. Haalli kunis maatii qotee bultoota hiyyummaa fi gadadoof saaxiluurra darbee namoonnii kadhaa fi saamichaa irrratti akka bobba’aniif sababa guddaa ta’eeraa,akka ragaaleen tokko tokko ibsanittii yeroo ammaa lakkoofsii namootaa kadhaa irratti bobba’anii yeroodha gara yerootti daran dabalaa akka jirauufi danuun isaanii baadiyyaarraa gara magaalattii akka dhufaan mirkaana’eera .qotee bultoonii utubaa biyyattii ta’an kun yeroo adda addaatti gaafi mirga abbummaa lafaa dhiheessanis mootummaan wayyanee dimookiraasii sobaa waan deeggaruuf gaafiin isaan deebii osoo hin argatiin ‘gufuu misoomaati’ jedhamuun mana hidhaattii yakkaan kan darbatamaanis lakkoofsii isaanii xinna miti, sodadhumaa kanaan labsiifi tarsimoo mootumman wayyaanee yeroo adda addattii baasuu hojiirra oolchuudhaan jireenyaa bilisummaa hin qabnee keessummessaa jiraachuun dirqamaa ta’eera. haalli kun waggottan itti aanan shananiif kan itti fufu fi ummanni poolisii mootummaa kanaa ofirraa cabsuun mirgaa qabeenyaa fi lubbuu isaatiif kan hin mormanne yoo ta’e godaansii qotee bultoota amma mul’achaa jiruu kun daraan akka dabaluu danda’u fi laftii qotee bulaa saamamee harkaa abbaa qabeenyaa galuun qotee bulaan tajajilaa ta’ee jiraachuu akka danda’uu mirkanaa’era.

  • Sagaanta Gammee Xixiqoo

 

 

 

 

 

Argaa dhageetti

Oromiyaa keessatti dargaggaggonnii yuunv.fi koollejjiwwaan addaa adda irraa ebbifamaan hojii dhabdummaadhaan dararamaa jiru.

 

Waggoottan shaanan darbanittii tarsimoo mootummaan wayyaanee baaseen barattonnii muraasni carraa barnoota ol’aanoo argatanis lakkoofsi baraattoota yuunvarsiitii fi koollejjii adda addaa irraa eebbifamanii daran dabalaa dhufuun yeroo ammaa oromiyaa keessa qofa barattoonnii kuma afurtamii saddeetii ol ta’an carraa hojii dhabuudhaan rakkinoota adda addatiif saaxilamaa akka jiran ragaaleen eeraniru.Dhimmii hoji dhabdummaa kun biyyattitti kan babal’atee yoo ta’uu kan naannoo oromiyaa keessatti mul’achaa jiruu garuu daraan cimaa fi abdii kan nama kutachiisu ta’ee kan mul’atuudha.haalumaa kanaan tarsimoofi poolisii mootummmaan wayyaanee biyyoota guddatanirraa ergifatee IMX ,DH.D.U.O,s naannoo oromiyaatti hojiirraa oolchuudhaan dargaggoota fi shammarran oromoo humna misoomaa ta’anii fi carraa biyyattii murtessuu danda’an hedduun waldaan gurmaa’anii tarsimoo IMX’n akka hojjatan labsii dabarsaa jira,Labsii kanaanis barattoonnii baay’een filannoo waan hin qabnee fi maatii harka qalleessan waan baraataniif dirqama jireenyaaf jechaa dhaagaa kobilistoonii bocuu fi karaa magaalaa qulqullessuu irratti gurmaa’anii hojjachaa jiru.Haalli kunis fedhii fi ejjannoo lammileen oromoo barnootaaf qaban fashaleessaa dhufuurra darbee dargaggoota hedduu rakkina xiinsammuu adda addatiif isaan saaxilaa akka jiru hubatameera.kanaanis barattoonni oromoo hedduun yeroo ammaa iddoo hin taanetti kufuun wantoota hin barbachisnee gara garaa dalaguun araada fi saamichaarratti bobba’anii argamu.hallii kunis dhiibbaa ummata oromoo kallattii gara garaatiin irrattii raawwatamuu daran cimsaa deemuun kayyoo wayyaneen “Dhallii ororomoo yoo baraatee biyyaa nu baasuu danda’a “jedhu sana gutumaa guututti kan mirkaneessuu ta’uu hubannaa.kunis abdii lammiin oromoo baratee rakkinaa oromiyaatiif qabsaa’uun dhiphinaafi gadadoo ummanni keenya yeroo ammaa keessummessa jiruu kanaaf fala kaa’uu danda’a jedhuu,cunqursa mootummaan wayyanee fi ergamtoonnii isaa Dh.d.u.o,yeroo ammaa raawwachaa jiran kanaan dadhabuu akkaa danda’uu guutuummaan ummata oromoo biyya keessaa fi biyyoota ala jiruu hubachuu akka qabu mirkanaa’eera.Qabatamaaniis caalmaan lammilee biyyattii godaansaa seeran alatiin iddoo adda addatti lubbuun isaanii darbaa jiruu barattoota oromoo ta’uu ragaleen biyya keessaa fi biyya alaa yeroo adda addattii ragaa bahaniruu.dhimmii ariifachiisaa fi sodachisaan hojiidhabdummaan wal qabate kun lammilee biyyattii barnootarra jiranis abdii kan kutachiise yoo ta’u,yunvarsiiti fi kollejjoota adda addaa keessattis barattoonnii ejjannoo akka qabatanii fi mootummaa abba irree kana fonqolchuuf humnaa fi beekumsa qabanitti fayyadamuuf tokkummaadhaan hojjachaa akka jiran ibsameera.rakkinni kun haaluma kanaan kan itti fufu yoo ta’e kutannoon dargaggoota oromiyaa fi tarkanfiin mootummaa wayyaneetiif qophaa’ee ifattii kan hojiirra oolu ta’uu eebbifamtoonnii yuunvarsiiti fi koollejjii adda adda irra bahanii oromiyaa keessattii dararamaa jiran akeekachisaniru.

 

ARGAA DHAGEETTI

Motummaan wayyaanee filannoo mana marii Aanolee fi magaalota ebla dhufu gaggeeffamuuf ummanni fedhii malee kaardii filannoo akka fudhatan taasisaa jira. Akkataa seera filannoo biyyattitti filannoon mana marii Aanolee fi magalotaa bara kana guutuu biyyatti ebla keessa kan taasifamuu ta’uu ni beekama.Filannoo kanaanis paartileen adda addaa kan dorgoman yoo ta’u,partiin biyya bulcha jiruu wayyaaneen adda dureedhaan of dhaadhessaa jira.bu’urumaa kanaan haa mijeessitootnii filannoo ergama wayyanee bahuuf ,amajjii jalqabaa eegalee duula ummata galmeessuu itti fufanii jiru.duula kanaanis kabinnoonni wayyanee sadarkaa adda addaarra jiran badiyyaa fi magaalotaa biyyatti gara garaa keessa nanna’uun ummannii dirqamaan akka galmaa’uu taasisa jiru.kana malees ummanni sagalee isaa guutumaa guututtii dhaaba wayyaaneef akka laatuu fi dhabbilee siyaasaa biroo akka hin filanne doorsisaa jiru.ummanni biyyattiis dhiibbaa fi shiraa yeroo adda addaatti gama mootumma kanaatiin irra gahuu cimsee waan beekuuf irra caalaan ummata biyyattii galmaa’uuf heyyamaamaa ta’uu hin dandeenye.keessaayyuu filannoo dhaan wal qabatee rakkoo guddaan sagalee ummataa fashaleessuu,akkasumaas mirgii ummaannii paartii barbaadee filachuu mootummaa kana biratti waan hin baratamneef sirni dimookiraasii mootummichii hordofaa jiru soba ta’uu ummannii biyyattii kallattii adda addatiin ragaa bahaa tureera.bara kanas sochiiin jaleewwan wayyanee taasisa jiran kan isaan hin gammachiisnee ta’uu ummanni kardii filannoo buufata dhaqee fudhachuu dhiisuudhaan mirkaneessera.Ejjannoo ummanni mul’isaa jiru kana kan sodaatee mootummaan wayyanee,ummatichaa iddoo adda addattii seera gooxii,garee fi tokkoo shanee jedhamuun ijaruun ummannii ofumaa akka wal yakkuu taasisa jira.Gama kanaanis garee basaastotaa ijaaruun ololaa sobaa fi ilaalchaa sodaa ummannii akkaa qabaatuu taasifama jira.haata’u malee ummanni hanga amajjii dhumaattii kaardii filannoo kan hin fudhatiin yoo ta’uu boordiin filannoo biyyattii guyyootaa dabalataa kennuun ummannii mana manatti akka galmaa’u taasifameera.kanaanis midiyaan biyyattii raga kijibaa funaanuun balballoomsaa kan jiru ta’uu hubatameera.kanas ta’ee garuu ummatichii mootummaa sagalee ummataa mallaqaan bitaatu kanaaf sagalee isaa kennuuf tasuumaa kan itti hin yaadnee ta’uu akeekkachiisa jira.keessaayyuu dhiibbaan yeroo adda adddattii lammii biyyattirra gahaa jiru kun jiraattota biyyattii hedduu abdii kan kutachiise ta’uu haalli ummatichi yeroo ammaa irra jiru kan mir kaneessuu ta’uu hubanna.ummannii nageenya jaalatuufi misooma isaatiif tattafatu hedduun gaafiilee mirgaa fi dhimma jiraachuu waan dhiyeessaniif qofa yakkafi shiraan daraaramanii,hubannoo siyaasaa tokko malee maatii isaanirraa gara mana hidhaattii kan darbataman lakkoofsi isaanii heddummataa dhufeera.halli kunis lammileen biyyaattii hedduun godaansaa seeraan alaatii fi iddoo hin taanetti beela fi dhibeen akka dhumaniif sababa guddaa ta’eera. haaluma kanaan bara kanas filannoon wal qabatee haqummaa fi ifittummaan kan hin jirree ta’uu muudamtoonni wayyanee ofuma isaaniif raga bahaa jiru.kanas hubachuun kan danda’amuu dhadannoo jaleewwan dhaabichaa ummataa fi partilee filannoof dorgomanii tokko tokkoratti dhageessisa jiran akka ta’ee ragaan argannee ni mirkaneessa.haallii kunis sirnii mootumma wayyaanee sirnootaa mootummaa abbaa irree darbaniitiin kan wal fakkeessuu ta’uu miirkanaa’eera.

 

Walaloo Yaadanno Jaarraa Abbaa Gadaa

Hoggana qabsoo bilisummaa Oromoo hangafoota keessaa tokko kan tahe Jaarraa Abbaa Gadaa yeroo dheeraaf dhukkubsatee waldhaanamaa turee addunyaa kana irraa duáan boqochuun sabboontotaa fi firoottan Oromoo Oromiyaa keessaa fi ala jiran mara biratti gadda guddaa waliin dhagahame.

 

 

Gammee xixiqoo

Radio Afuura Biyyaa: Interview with Dr. Kebede Hordofa (March 16, 2013)

New Oromo songs

Saaliyaa saami-shimaleeko

New Oromo music 2013 Habtamu lamu Bareedduu Baalee.

Sirba-Goorsa Jaarsa Oromo

  • Sestibulum iacgulis sodales
  • Ornare venenatis diam stique
  • Posuere dgio vulputate hender
  • Donec leout sestibulm posuer
  • Sestibulum iacgulis sodales
  • Ornare ve nenatis stique soda
  • Posuere dgio leout vulputate
  • Donec leout posuer sestibulm